1 João 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata.
1 Todo aquele que crê que Jesus é o Cristo, é o nascido de Deus; e todo aquele que ama ao que o gerou, ama também ao que dele é nascido.
2 Nu yommuu Waaqa jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Waaqaa jaallannu kanaan beekna.
2 Nisto conhecemos que amamos os filhos de Deus, se amamos a Deus e guardamos os seus mandamentos.
3 Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.
3 Porque este é o amor de Deus, que guardemos os seus mandamentos; e os seus mandamentos não são penosos;
4 Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
4 porque todo o que é nascido de Deus vence o mundo; e esta é a vitória que vence o mundo: a nossa fé.
5 Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
5 Quem é o que vence o mundo, senão aquele que crê que Jesus é o Filho de Deus?
6 Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Yesuus Kiristoos. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii.
6 Este é aquele que veio por água e sangue, isto é, Jesus Cristo; não só pela água, mas pela água e pelo sangue.
7 Dhuga baatota sadiitu jira:
7 E o Espírito é o que dá testemunho, porque o Espírito é a verdade.
8 Isaanis Hafuura, bishaanii fi dhiiga; sadanuus walii galu.
8 Porque três são os que dão testemunho: o Espírito, e a água, e o sangue; e estes três concordam.
9 Dhuga baʼumsa namaa ni fudhanna; dhuga baʼumsi Waaqaa garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga baʼumsi kun isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana.
9 Se recebemos o testemunho dos homens, o testemunho de Deus é este, que de seu Filho testificou.
10 Namni Ilma Waaqaatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Waaqa hin amanne garuu waan isa Waaqni waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Waaqa sobduu godheera.
10 Quem crê no Filho de Deus, em si mesmo tem o testemunho; quem a Deus não crê, mentiroso o faz, porque não crê no testemunho que Deus de seu Filho dá.
11 Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira.
11 E o testemunho é este: Que Deus nos deu a vida eterna, e esta vida está em seu Filho.
12 Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.
12 Quem tem o Filho tem a vida; quem não tem o Filho de Deus não tem a vida.
13 Isin warri maqaa Ilma Waaqaatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa.
13 Estas coisas vos escrevo, a vós que credes no nome do Filho de Deus, para que saibais que tendes a vida eterna.
14 Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.
14 E esta é a confiança que temos nele, que se pedirmos alguma coisa segundo a sua vontade, ele nos ouve.
15 Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
15 e, se sabemos que nos ouve em tudo o que pedimos, sabemos que já alcançamos as coisas que lhe temos pedido.
16 Namni kam iyyuu utuu obboleessi isaa cubbuu gara duʼaatti hin geessine hojjetuu yoo arge Waaqa kadhachufii qaba; Waaqnis warra cubbuun isaanii gara duʼaatti isaan hin geessineef jireenya ni kenna. Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira; anis waan akkasiitiif inni haa kadhatu jechuu koo miti.
16 Se alguém vir seu irmão cometer um pecado que não é para morte, pedirá, e Deus lhe dará a vida para aqueles que não pecam para a morte. Há pecado para morte, e por esse não digo que ore.
17 Jalʼinni hundinuu cubbuu dha; cubbuun gara duʼaatti nama hin geessines jira.
17 Toda injustiça é pecado; e há pecado que não é para a morte.
18 Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Waaqa irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
18 Sabemos que todo aquele que é nascido de Deus não vive pecando; antes o guarda aquele que nasceu de Deus, e o Maligno não lhe toca.
19 Nu ijoollee Waaqaa akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.
19 Sabemos que somos de Deus, e que o mundo inteiro jaz no Maligno.
20 Akkasumas akka Ilmi Waaqaa dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Yesuus Kiristoositti jirra. Inni Waaqa dhugaa ti; jireenya bara baraatis.
20 Sabemos também que já veio o Filho de Deus, e nos deu entendimento para conhecermos aquele que é verdadeiro; e nós estamos naquele que é verdadeiro, isto é, em seu Filho Jesus Cristo. Este é o verdadeiro Deus e a vida eterna.
21 Yaa ijoolle, waaqota tolfamoo irraa of eegaa.
21 Filhinhos, guardai-vos dos ídolos.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 João 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.