1 João 2
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Yaa ijoollee ko, ani akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan barreessa. Garuu yoo namni kam iyyuu cubbuu hojjete nu Abbaa biraa abukaattoo qabna; innis Yesuus Kiristoos Isa Qajeelaa sana.
1 Filhinhos meus, isto vos escrevo para que não pequeis. Mas, se alguém pecar, temos um intercessor junto ao Pai, Jesus Cristo, o Justo.
2 Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.
2 Ele é a expiação pelos nossos pecados, e não somente pelos nossos, mas também pelos de todo o mundo.
3 Nu yoo ajaja isaa eegne, kanaan akka isa beekne ni beekna.
3 Eis como sabemos que o conhecemos: se guardamos os seus mandamentos.
4 Namni, “Ani isa nan beeka” jedhu kan garuu ajaja isaa hin eegne kam iyyuu sobduu dha; dhugaanis isa keessa hin jiru.
4 Aquele que diz conhecê-lo e não guarda os seus mandamentos é mentiroso e a verdade não está nele.
5 Garuu yoo namni kam iyyuu dubbii isaatiif ajajame, jaalalli Waaqaa dhugumaan isa keessatti guutuu taʼa. Kanaanis nu akka isa keessa jirru ni beekna;
5 Aquele, porém, que guarda a sua palavra, nele o amor de Deus é verdadeiramente perfeito. É assim que conhecemos se estamos nele:
6 namni ani isaanan jiraadha ofiin jedhu kam iyyuu akkuma Yesuus jiraate sanatti jiraachuu qaba.
6 aquele que afirma permanecer nele deve também viver como ele viveu.
7 Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana.
7 Caríssimos, não vos escrevo nenhum mandamento novo, mas sim o mandamento antigo, que recebestes desde o princípio. Este mandamento antigo é a palavra que acabais de ouvir.
8 Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.
8 Todavia, eu vos escrevo agora um mandamento novo - verdadeiramente novo, nele como em vós, porque as trevas passam e já resplandece a verdadeira luz.
9 Namni ani ifa keessa jira ofiin jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu amma illee dukkana keessa jira.
9 Aquele que diz estar na luz, e odeia seu irmão, jaz ainda nas trevas.
10 Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru.
10 Quem ama seu irmão permanece na luz e não se expõe a tropeçar.
11 Namni obboleessa isaa jibbu garuu dukkana keessa jira; dukkanuma keessa jiraatas; inni waan dukkanni sun isa jaamseef gara itti adeemu hin beeku.
11 Mas quem odeia seu irmão está nas trevas e anda nas trevas, sem saber para onde dirige os passos; as trevas cegaram seus olhos.
12 Yaa ijoolle, cubbuun keessan sababii maqaa isaatiif
12 Filhinhos, eu vos escrevo, porque vossos pecados vos foram perdoados pelo seu nome.
13 Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif
13 Pais, eu vos escrevo, porque conheceis aquele que existe desde o princípio. Jovens, eu vos escrevo, porque vencestes o Maligno.
14 Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,
14 Crianças, eu vos escrevo, porque conheceis o Pai. Pais, eu vos escrevi, porque conheceis aquele que existe desde o princípio. Jovens, eu vos escrevi, porque sois fortes e a palavra de Deus permanece em vós, e vencestes o Maligno.
15 Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.
15 Não ameis o mundo nem as coisas do mundo. Se alguém ama o mundo, não está nele o amor do Pai.
16 Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
16 Porque tudo o que há no mundo - a concupiscência da carne, a concupiscência dos olhos e a soberba da vida - não procede do Pai, mas do mundo.
17 Addunyaa fi hawwiin ishee ni badu; namni fedhii Waaqaa raawwatu garuu bara baraan jiraata.
17 O mundo passa com as suas concupiscências, mas quem cumpre a vontade de Deus permanece eternamente.
18 Yaa ijoolle, saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa ti; akka farri Kiristoos sun dhufu akkuma dhageessan sana ammuma iyyuu farroonni Kiristoos baayʼeen dhufaniiru. Kanaanis nu akka saʼaatiin kun saʼaatii dhumaa taʼe beekna.
18 Filhinhos, esta é a última hora. Vós ouvistes dizer que o Anticristo vem. Eis que já há muitos anticristos, por isto conhecemos que é a última hora.
19 Isaan nu keessaa baʼan malee dhugumaan kan keenya hin turre. Utuu kan keenya taʼanii silaa nu biratti hafu turan; nu biraa deemuun isaanii garuu akka tokkoon isaanii iyyuu keenya hin taʼin mulʼise.
19 Eles saíram dentre nós, mas não eram dos nossos. Se tivessem sido dos nossos, ficariam certamente conosco. Mas isto se dá para que se conheça que nem todos são dos nossos.
20 Isin garuu Isa Qulqulluu sanaan dibamtaniirtu; isin hundis dhugaa ni beektu.
20 Vós, porém, tendes a unção do Santo e sabeis todas as coisas.
21 Sababiin ani isinii barreessuuf waan isin dhugaa beektanii fi akka sobni tokko iyyuu dhugaa keessa hin jirres beektaniif malee waan isin dhugaa hin beekneef miti.
21 Não vos escrevi como se ignorásseis a verdade, mas porque a conheceis, e porque nenhuma mentira vem da verdade.
22 Nama Yesuus kun Kiristoos miti jedhee ganu malee sobduun eenyu ree? Namni akkasii farra Kiristoos; inni Abbaa fi Ilma ni gana.
22 Quem é mentiroso senão aquele que nega que Jesus é o Cristo? Esse é o Anticristo, que nega o Pai e o Filho.
23 Namni Ilma ganu kam iyyuu Abbaa illee hin qabu; namni waaʼee Ilmaa dhugaa baʼu hundinuu Abbaas qaba.
23 Todo aquele que nega o Filho não tem o Pai. Todo aquele que proclama o Filho tem também o Pai.
24 Wanni isin jalqabaa kaaftanii dhageessan sun isin keessa haa jiraatu. Yoo wanni jalqabaa kaaftanii dhageessan isin keessa jiraate, isinis Ilmaa fi Abbaadhaan ni jiraattu.
24 Que permaneça em vós o que tendes ouvido desde o princípio. Se permanecer em vós o que ouvistes desde o princípio, permanecereis também vós no Filho e no Pai.
25 Wanni inni waadaa nuu gale kanaa dha; kunis jireenya bara baraa ti.
25 Eis a promessa que ele nos fez: a vida eterna.
26 Ani waaʼee warra karaa irraa isin jalʼisuu yaalan sanaatiif waan kana isiniifin barreessa.
26 Era isto o que eu vos tinha a escrever a respeito dos que vos seduzem.
27 Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.
27 Quanto a vós, a unção que dele recebestes permanece em vós. E não tendes necessidade de que alguém vos ensine; mas, como a sua unção vos ensina todas as coisas, assim é ela verdadeira e não mentira. Permanecei nele, como ela vos ensinou.
28 Ammas yaa ijoolle, akka yommuu inni mulʼatutti ija jabina qabaannuuf, akka nu guyyaa dhufaatii isaattis fuula isaa duratti hin qaanofneef isaan jiraadhaa.
28 E agora, filhinhos, permanecei nele, para que, quando aparecer, tenhamos confiança e não sejamos confundidos por ele, na sua vinda.
29 Isin yoo akka inni qajeelaa taʼe beektan, akka namni waan qajeelaa hojjetu hundinuu isa irraa dhalate ni beektu.
29 Se sabeis que ele é justo, sabei também que todo aquele que pratica a justiça é nascido dele.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 João 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.