1 Crônicas 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne;
1 Filhos de Rubem, primogênito de Israel. Com efeito, era ele o mais velho, mas como tinha manchado o leito de seu pai, seu direito de primogenitura foi dado aos filhos de José, filho de Israel. Mas José não foi inscrito como primogênito nas genealogias.
2 Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti.
2 Pois Judá foi poderoso entre seus irmãos e é dele que saiu o príncipe. Mas o direito de primogenitura pertence a José.
3 Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:
3 Filhos de Rubem, primogênito de Israel: Enoc, Falu, Esron e Carmi.
4 Ilmaan Yooʼeel:
4 Filhos de Joel: Samia, seu filho, Gog, seu filho, Semei, seu filho;
5 Miikaa ilma isaa,
5 Mica, seu filho, Reia, seu filho, Baal, seu filho,
6 Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture.
6 Beera, seu filho, que Teglatfalasar, rei da Assíria, levou cativo. Era ele príncipe dos filhos de Rubem.
7 Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha:
7 Irmãos de Beera, segundo suas famílias, assim como estão inscritos nas suas genealogias: o primeiro Jeiel, Zacarias,
8 Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel.
8 Bala, filho de Azaz, filho de Sama, filho de Joel. Bala habitava em Aroer, e ia até Nebo e a Beel-Meon.
9 Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan.
9 Ao oriente, ocupava a terra até a entrada do deserto, que vai até o Eufrates, porque seus rebanhos eram numerosos na terra de Galaad.
10 Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.
10 No tempo de Saul, fizeram guerra contra os agareus que tombaram entre suas mãos. Habitaram suas tendas na costa oriental de Galaad.
11 Gosoonni Gaad isaanitti aananii Baashaan keessa lafa hamma Salkaatti argamu irra jiraatan; isaanis:
11 Os filhos de Galaad habitavam defronte deles na terra de Basã, até Selca.
12 Yooʼeel hangaftichi, Shaafaam itti aanaan isaa, Yaʼinayii fi Shaafaax Baashaan keessa jiraatan.
12 Joel, o primeiro, Safã, o segundo, Janai e Safat em Basã.
13 Firoonni isaanii maatii maatiidhaan kanneenii dha:
13 Seus irmãos, segundo suas casas patriarcais, eram: Miguel, Mosolã, Sebe, Jorai, Jacã, Zie e Heber: sete.
14 Isaan kunneen immoo ilmaan Abiihaayil ilma Huuri, ilma Yaarokaa, ilma Giliʼaad, ilma Miikaaʼel, ilma Yeshiishaayi, ilma Yakedoo, ilma Buuzii ti.
14 Eles eram filhos de Abiail, filho de Huri, filho de Jara, filho de Galaad, filho de Miguel, filho de Jesesi, filho de Jedo, filho de Bus,
15 Ahiin ilmi Abdiʼeel, hangafa maatii isaanii ture; Abdiʼeel immoo ilma Guunii ti.
15 Aqui, filho de Abdiel, filho de Guni, era o chefe de sua casa patriarcal.
16 Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan.
16 Habitavam em Galaad, em Basã e nas suas aldeias, até as extremidades das pastagens de Saron.
17 Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman.
17 Todos foram registrados no tempo de Joatã, rei de Judá, e no tempo de Jeroboão, rei de Israel.
18 Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan.
18 Os filhos de Rubem, de Gad, e da meia tribo de Manassés, tinham em suas fileiras homens valorosos, que traziam escudo e espada, manejavam o arco e eram muito aguerridos, em número de 44.760 homens aptos para o combate.
19 Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan.
19 Fizeram guerra aos agareus, em Jetur, em Nafis, e em Nodab.
20 Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne.
20 Eles venceram, e os agareus com todos os seus aliados lhes foram entregues. Durante o combate, com efeito, eles tinham invocado Deus, que os ouviu, porque eles tinham posto nele sua confiança.
21 Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan;
21 Arrebataram seus rebanhos: 50.000 camelos, 250.000 ovelhas, 2.000 jumentos e 100.000 pessoas;
22 sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan.
22 muitos caíram mortos, pois essa guerra vinha de Deus. Estabeleceram-se no lugar dos vencidos até o cativeiro.
23 Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan.
23 Os filhos da meia tribo de Manassés moravam na terra desde Basã, até o Baal-Hermon, o Sanir e a montanha do Hermon; eram numerosos.
24 Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti.
24 Eis os chefes de suas famílias patriarcais: Efer, Jesi, Eliel, Ezriel, Jeremias, Odoia e Jediel, homens valentes e poderosos, célebres chefes de suas casas patriarcais.
25 Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha.
25 Mas foram infiéis ao Deus de seus pais, e prostituíram-se, adorando os deuses dos povos que Deus tinha destruído diante deles.
26 Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan.
26 O Deus de Israel suscitou o espírito de Ful, rei da Assíria, e o espírito de Teglatfalasar, rei da Assíria, que levou cativos os filhos de Rubem, os filhos de Gad e a meia tribo de Manassés: ele os deportou para Hala, para Habor, para Ara e para o rio de Gozã, onde permaneceram até o dia de hoje.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.