1 Crônicas 29
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Ergasii Daawit mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon inni Waaqni filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan Waaqayyo Gooftaati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha.
1 O rei Davi se voltou para toda a comunidade e disse: “Meu filho Salomão, que Deus escolheu, ainda é jovem e inexperiente. O trabalho que ele tem pela frente é enorme, pois o templo que ele construirá não será para meros humanos, mas para o S enhor Deus.
2 Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera.
2 Usando todos os recursos a meu dispor, juntei o que pude para a construção do templo de meu Deus. Agora, há ouro, prata, bronze, ferro e madeira suficientes, bem como grandes quantidades de ônix e outras pedras preciosas, joias caras, todo tipo de pedra da melhor qualidade e mármore.
3 Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna;
3 “E agora, por causa de minha alegria com a construção do templo de meu Deus, entrego todos os meus tesouros pessoais, ouro e prata, para ajudar na construção, além de todos os materiais que juntei para o santo templo.
4 kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba,
4 Ofereço 105 toneladas de ouro de Ofir e 245 toneladas de prata refinada para revestir as paredes das construções,
5 akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?”
5 e para os outros trabalhos em ouro e prata a serem feitos pelos artesãos. Quem seguirá meu exemplo e entregará, hoje, ofertas ao S enhor ?”.
6 Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan.
6 Então os chefes das famílias, os líderes das tribos, os generais e os capitães, e os administradores do rei ofertaram voluntariamente.
7 Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan.
7 Para a construção do templo de Deus, entregaram 175 toneladas de ouro, 10.000 peças de ouro, 350 toneladas de prata, 630 toneladas de bronze e 3.500 toneladas de ferro.
8 Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
8 Também contribuíram com pedras preciosas, que foram guardadas no tesouro da casa do S enhor , sob os cuidados de Jeiel, descendente de Gérson.
9 Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Waaqayyoof kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade.
9 O povo se alegrou com as ofertas, pois as entregou ao S enhor voluntariamente e de todo o coração, e o rei Davi também se encheu de alegria.
10 Daawit yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee Waaqayyo galateeffate;
10 Então Davi louvou o S enhor na presença de toda a comunidade: “Ó S
11 Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi
11 Ó S enhor , a ti pertencem a grandeza, o poder, a glória, a vitória e a majestade. Tudo que há nos céus e na terra é teu, ó S enhor , e este é teu reino. Tu estás acima de tudo.
12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama;
12 Riqueza e honra vêm somente de ti, pois tu governas sobre tudo. Poder e força estão em tuas mãos, e cabe a ti exaltar e dar força.
13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna;
13 “Ó nosso Deus, damos graças e louvamos teu nome glorioso!
14 “Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.
14 Mas quem sou eu, e quem é meu povo, para que pudéssemos te dar alguma coisa? Tudo que temos vem de ti, e demos apenas o que primeiro de ti recebemos!
15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu.
15 Somos estrangeiros e peregrinos na terra, como nossos antepassados antes de nós. Nossos dias na terra são como uma sombra, passam rápido, sem deixar vestígio.
16 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma.
16 “Ó S enhor , nosso Deus, até mesmo estes materiais que juntamos para construir um templo em honra ao teu nome santo vêm de ti! Tudo pertence a ti!
17 Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera.
17 Eu sei, meu Deus, que examinas nosso coração e te regozijas quando nele encontras integridade. Tu sabes que fiz tudo isso com boas intenções e vi teu povo entregar ofertas voluntariamente e com alegria.
18 Yaa Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaa, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi.
18 “Ó S enhor , o Deus de nossos antepassados Abraão, Isaque e Israel, leva teu povo a sempre desejar te obedecer. Mantém o coração deles sempre leal a ti.
19 Ilma koo Solomooniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif.”
19 Dá a meu filho Salomão o desejo sincero de obedecer a todos os teus mandamentos, preceitos e decretos, e de fazer todo o necessário a fim de construir este templo, para o qual realizei estes preparativos”.
20 Sana booddees Daawit yaaʼii guutuudhaan, “Waaqayyo Waaqa keessan galateeffadhaa” jedhe. Kanaafuu hundi isaanii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula Waaqayyootii fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan.
20 Então Davi disse a toda a comunidade: “Louvem o S enhor , seu Deus!”. E toda a comunidade louvou o S enhor , o Deus de seus antepassados, e eles se prostraram e se ajoelharam diante do S enhor e do rei.
21 Isaanis guyyaa itti aanutti Waaqayyoof qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha.
21 No dia seguinte, trouxeram mil novilhos, mil carneiros e mil cordeiros e os apresentaram ao S enhor como sacrifícios e holocaustos. Também trouxeram ofertas derramadas e muitos outros sacrifícios em favor de todo o Israel.
22 Isaanis gaafa sana fuula Waaqayyoo duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan.
22 Naquele dia, festejaram e comeram na presença do S enhor com grande alegria. Mais uma vez, proclamaram Salomão, filho de Davi, como rei. Ungiram Salomão diante do S
23 Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman.
23 Salomão se sentou no trono do S enhor em lugar de seu pai, Davi. Foi bem-sucedido em tudo, e todo o Israel lhe obedecia.
24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan.
24 Todos os oficiais, os guerreiros e os filhos de Davi prometeram ser leais ao rei Salomão.
25 Waaqayyos Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.
25 O S enhor exaltou Salomão diante de todo o Israel e lhe deu mais esplendor que qualquer outro rei de Israel antes dele.
26 Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture.
26 Davi, filho de Jessé, reinou sobre todo o Israel.
27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche.
27 Reinou em Israel por quarenta anos, sete anos em Hebrom e 33 em Jerusalém.
28 Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
28 Morreu em boa velhice, depois de desfrutar uma vida longa, cheia de riqueza e honra. Seu filho Salomão foi seu sucessor.
29 Hojiin bara mootummaa Daawit Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti,
29 Todos os acontecimentos do reinado de Davi, do início ao fim, estão escritos no Registro do Vidente Samuel , no Registro do Profeta Natã e no Registro do Vidente Gade ,
30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.
30 incluindo os grandes feitos de seu reinado e tudo que aconteceu com ele, com Israel e com todos os reinos vizinhos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 29, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.