1 Crônicas 22

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Ergasii Daawit, “Kun mana Waaqayyo Waaqaa ti; kun immoo iddoo aarsaa, aarsaan gubamu Israaʼeliif itti dhiʼeeffamuu dha” jedhe.
1 Então Davi disse: — Neste lugar será construído o Templo de Deus, o
2 Kanaafuu Daawit akka alagoonni Israaʼel keessa jiraatan walitti qabaman ajaje; isaan keessaas akka isaan ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif dhagaa soofame qopheessaniif warra dhagaa cabsan ni filate.
2 Davi mandou que fossem reunidos todos os estrangeiros que moravam em Israel e os pôs para trabalhar. Alguns deles preparavam blocos de pedra para a construção do Templo.
3 Inni mismaara ittiin hundaa balbalaa hojjetanii fi miʼa ittiin walitti qabsiisan hojjechuudhaaf sibiila akka malee baayʼee fi naasii madaalliin isaa hamma hin qabne ni kenne.
3 Davi ajuntou uma grande quantidade de ferro para fazer pregos e braçadeiras para os portões de madeira e ajuntou tanto bronze, que não foi possível pesar.
4 Daawitis sababii warri Siidoonaatii fi warri Xiiroos birbirsa akka malee baayʼee isaaf fidaniif birbirsa baayʼinni isaa lakkaaʼamuu hin dandeenye ni kenne.
4 E o povo de Tiro e de Sidom lhe mandou uma grande quantidade de toras de cedro.
5 Daawit akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon ijoollee dha; muuxannoo illee hin qabu. Manni Waaqayyoof ijaaramu kun immoo ulfina qabeessa, kan gurra qabuu fi kan fuula saboota hundaa duratti akka malee miidhagu taʼuu qaba. Kanaafuu ani isaaf qophii nan godha.” Akkasiin Daawit utuu hin duʼin qophii guddaa godhe.
5 Davi pensou assim: “O templo que o meu filho Salomão vai construir deverá ser esplêndido e famoso no mundo inteiro. Mas ele é jovem e sem experiência; por isso, eu preciso ajuntar o material necessário para a construção.” Por isso, Davi, antes de morrer, ajuntou uma grande quantidade de material.
6 Ergasii Daawit ilma isaa Solomoonin waamee akka inni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana ijaaru isa ajaje.
6 Ele mandou chamar o seu filho Salomão e ordenou que ele construísse um templo para o Senhor , o Deus de Israel.
7 Daawitis Solomooniin akkana jedhe: “Yaa ilma ko, ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana ijaaruu yaadee ture.
7 Davi disse: — Meu filho, eu quis construir um templo em honra do
8 Garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: ‘Ati dhiiga baayʼee dhangalaafteerta; lola hedduus lolteerta. Ati sababii fuula koo duratti dhiiga baayʼee lafa irratti dhangalaafteef Maqaa kootiif mana hin ijaartu.
8 Mas ele disse que eu havia matado muita gente e feito muitas guerras. Portanto, por causa de todo o derramamento de sangue que eu causei, ele não me deixaria construir um templo para ele.
9 Kunoo ilmi tokko siif ni dhalata; innis nama boqonnaa ni taʼa; anis diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda irraa boqonnaa nan kennaaf. Maqaan isaas Solomoon jedhama; ani bara mootummaa isaa keessa Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.
9 Porém Deus me fez uma promessa. Ele disse: “Você terá um filho que governará em paz porque eu farei com que ele viva em paz com todos os seus inimigos. O seu nome será Salomão porque durante o seu reinado eu darei paz e segurança ao povo de Israel.
10 Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’
10 Ele construirá um templo para mim. Ele será meu filho, e eu serei seu pai. Os seus descendentes governarão Israel para sempre.”
11 “Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana Waaqayyo Waaqa keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf Waaqayyo si wajjin haa taʼu.
11 Davi continuou: — Agora, meu filho, que o
12 Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Waaqayyo Waaqa keetii eegduuf Waaqayyo ogummaa fi hubannaa siif haa kennu.
12 E que o Senhor , seu Deus, lhe dê inteligência e sabedoria para que você possa governar o povo de Israel de acordo com a Lei dele!
13 Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Waaqayyo karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin.
13 Se você obedecer a todas as leis que o Senhor deu a Moisés para o povo de Israel, tudo irá bem para você. Seja forte e corajoso; não desanime, nem tenha medo.
14 “Kunoo, ani ijaarsa mana Waaqayyootiif warqee taalaantii kuma dhibba tokko, meetii taalaantii miliyoona tokko, naasii fi sibiila akka malee baayʼee kan madaalamuu hin dandeenye, mukaa fi dhagaa illee qopheessuu irratti akka malee dadhabeera. Atis itti dabaluu ni dandeessa.
14 Quanto ao Templo, com muito esforço eu ajuntei mais de três mil e quatrocentas toneladas de ouro e mais de trinta e quatro mil toneladas de prata para serem usados na construção. Além disso, há uma quantidade tão grande de bronze e ferro, que nem dá para contar. Também armazenei madeira e pedras preparadas, mas você deve arranjar mais.
15 Ati hojjettoota hedduu qabda; isaanis: warra dhagaa cabsan, warra mana dhagaa ijaaranii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban, akkasumas namoota ogummaa hojii gosa gosaa,
15 Para o serviço você tem muitos trabalhadores. Há homens para trabalhar nas pedreiras, e há carpinteiros e pedreiros, e também uma grande quantidade de especialistas em todo tipo de trabalho
16 kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; Waaqayyos si wajjin haa taʼu.”
16 em ouro, prata, bronze e ferro. Portanto, mãos à obra, e que o Senhor Deus o ajude!
17 Ergasii Daawit akka isaan ilma isaa Solomoon gargaaraniif dura buutota Israaʼel hunda ni ajaje.
17 Davi ordenou a todos os líderes de Israel que ajudassem Salomão.
18 Akkanas isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin jira mitii? Inni gama hundaan boqonnaa isiniif kenneera mitii? Inni jiraattota biyya kanaa dabarsee natti kenneeraatii; biyyattiinis Waaqayyoo fi saba isaatiif garboomteerti.
18 Ele disse: — O
19 Amma Waaqayyo Waaqa keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu Waaqayyootii fi miʼoota qulqulluu kan Waaqaa fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa Waaqayyootiif ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana Waaqayyo Gooftaa ijaaruu jalqabaa.”
19 Portanto, sirvam o Senhor , seu Deus, com todo o coração e alma. Comecem a construir o Templo para que possam colocar nele a arca da aliança do Senhor e os outros objetos usados na sua adoração.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 22, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.