1 Crônicas 21
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase.
1 Então Satanás se levantou contra Israel e incitou Davi a levantar o censo de Israel.
2 Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe.
2 Davi disse a Joabe e aos chefes do povo: — Vão e levantem o censo de Israel, desde Berseba até Dã, e tragam-me a apuração para que eu saiba o seu número.
3 Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe.
3 Então Joabe disse: — Que o
4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe.
4 Porém a palavra do rei prevaleceu contra Joabe. Então Joabe saiu e percorreu todo o Israel; depois, voltou para Jerusalém.
5 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.
5 Joabe apresentou a Davi o resultado do recenseamento do povo: havia em Israel um milhão e cem mil homens que puxavam da espada; e em Judá eram quatrocentos e setenta mil homens que puxavam da espada.
6 Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne.
6 Porém os de Levi e Benjamim não foram contados entre eles, porque a ordem do rei foi abominável a Joabe.
7 Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.
7 Tudo isto desagradou a Deus, e por isso ele castigou Israel.
8 Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
8 Então Davi se dirigiu a Deus, dizendo: — Cometi um grande pecado ao fazer tal coisa. Mas agora peço-te que perdoes a iniquidade do teu servo, porque fiz uma grande loucura.
9 Waaqayyos Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe;
9 Então o Senhor falou a Gade, o vidente de Davi, dizendo:
10 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.”
10 — Vá e diga a Davi: Assim diz o Senhor : “Eu lhe ofereço três opções; escolha uma delas, para que eu a execute contra você.”
11 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu:
11 Gade foi falar com Davi e lhe disse: — Assim diz o
12 Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Waaqayyoo sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan Waaqayyoo kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.”
12 ou três anos de fome, ou que por três meses você seja consumido diante dos seus adversários, sendo alcançado pela espada dos seus inimigos, ou que por três dias a espada do Senhor , isto é, a peste na terra e o Anjo do Senhor causem destruição em todos os territórios de Israel.” Diga, agora, que resposta devo dar ao que me enviou.
13 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Waaqayyoo seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe.
13 Então Davi disse a Gade: — Estou muito angustiado. Porém é preferível que eu caia nas mãos do
14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman.
14 Então o Senhor enviou a peste a Israel; e morreram setenta mil homens do povo de Israel.
15 Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Waaqayyo balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.
15 Deus enviou um anjo a Jerusalém, para a destruir. Quando estava por destruí-la, o Senhor olhou, mudou de ideia quanto a este mal e disse ao anjo destruidor: — Basta! Retire a sua mão. O Anjo do
16 Daawitis ol ilaalee ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
16 Davi ergueu os olhos e viu o Anjo do Senhor , que estava entre a terra e o céu, com a espada desembainhada na mão estendida contra Jerusalém. Então Davi e os anciãos, vestidos de pano de saco, se prostraram com o rosto em terra.
17 Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Waaqayyo Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe.
17 Davi falou para Deus: — Por acaso não fui eu quem mandou contar o povo? Eu é que pequei e fiz esse mal. Mas estas ovelhas o que fizeram? Ah!
18 Ergasii ergamaan Waaqayyoo akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje.
18 Então o Anjo do Senhor disse a Gade que mandasse Davi edificar um altar ao Senhor na eira de Ornã, o jebuseu.
19 Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa Waaqayyootiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.
19 Davi foi segundo a palavra que Gade havia falado em nome do Senhor .
20 Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan.
20 Ao voltar-se, Ornã viu o Anjo; e os seus quatro filhos que estavam com ele se esconderam. Ora, Ornã estava debulhando trigo.
21 Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
21 Quando Davi estava indo ao encontro de Ornã, este olhou e viu Davi. E, saindo da eira, se inclinou diante de Davi, com o rosto em terra.
22 Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen.
22 Davi disse a Ornã: — Dê-me este lugar da eira, a fim de edificar nele um altar ao
23 Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe.
23 Então Ornã disse a Davi: — Que o rei, meu senhor, a tome para si e faça dela o que bem quiser. Eis que dou os bois para o holocausto, o debulhador de cereais para a lenha e o trigo para a oferta de cereais; dou tudo.
24 Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe.
24 Porém o rei Davi disse a Ornã: — Não! Eu vou comprar pelo seu inteiro valor. Porque não tomarei o que é seu para dar ao
25 Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale.
25 Davi pagou a Ornã por aquele lugar sete quilos e duzentos gramas de ouro.
26 Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Waaqayyoon ni waammate; Waaqayyos samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.
26 Edificou ali um altar ao Senhor , ofereceu nele holocaustos e sacrifícios pacíficos e invocou o Senhor , que lhe respondeu com fogo do céu sobre o altar do holocausto.
27 Sana booddee Waaqayyo ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise.
27 O Senhor deu ordem ao Anjo, e ele meteu a sua espada na bainha.
28 Daawit yeroo sanatti akka Waaqayyo oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse.
28 Naquele tempo, ao ver que o Senhor lhe havia respondido na eira de Ornã, o jebuseu, Davi ofereceu sacrifícios ali.
29 Dunkaanni Waaqayyoo kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture.
29 Porque naquele tempo o tabernáculo do Senhor , que Moisés havia feito no deserto, e o altar do holocausto estavam no lugar alto de Gibeão.
30 Daawit garuu sababii goraadee ergamaa Waaqayyoo sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.
30 Davi não podia ir até lá para consultar a Deus, porque estava com medo da espada do Anjo do Senhor .
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 21, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.