1 Crônicas 18

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.
1 Depois disso, Davi derrotou os filisteus e os submeteu; arrebatou de suas mãos Get e suas cidades anexas.
2 Daawit Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.
2 Em seguida, derrotou os moabitas que se tornaram seus vassalos e lhe pagaram tributo.
3 Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate.
3 Davi venceu, em seguida, Adarezer, rei de Soba, em Hamat, quando estava a caminho para estabelecer seu domínio sobre as margens do Eufrates.
4 Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
4 Davi tomou-lhe mil carros, sete mil cavaleiros e vinte mil soldados de infantaria. Cortou os jarretes de todos os cavalos de tiro e deles conservou somente cem.
5 Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
5 Os sírios de Damasco vieram em socorro de Adarezer, rei de Soba; Davi matou vinte e dois mil deles.
6 Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
6 Em seguida, estabeleceu guarnições na Síria de Damasco; os sírios tornaram-se seus vassalos e lhe pagaram tributo. Assim o Senhor lhe dava vitórias onde quer que fosse.
7 Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
7 Davi apoderou-se dos escudos de ouro com os quais se cobriam os servos de Adarezer e os transportou para Jerusalém.
8 Daawit magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Solomoon immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.
8 Em Tebat e em Cun, cidades de Adarezer, tomou ainda Davi grande quantidade de bronze, as colunas e os utensílios de bronze.
9 Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti,
9 Quando Tou, rei de Hamat, soube que Davi tinha desfeito todo o exército de Adarezer, rei de Soba,
10 akka inni sababii ol aantummaa Daawit Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.
10 enviou-lhe Adorão, seu filho, para saudá-lo e felicitá-lo por ter atacado Adarezer e por tê-lo vencido; porque Tou estava em contínua guerra com Adarezer. Enviou-lhe também toda espécie de vasos de ouro, de prata e de bronze.
11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
11 O rei Davi consagrou-os ao Senhor com o ouro e a prata que tinha tomado de todas as nações pagãs, em Edom, em Moab, dos amonitas, dos filisteus e de Amalec.
12 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe.
12 Abisai, filho de Sarvia, derrotou os idumeus no vale do Sal: eram dezoito mil.
13 Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
13 Colocou guarnições em Edom, e todo Edom ficou sujeito a Davi. O Senhor dava a vitória a Davi onde quer que fosse.
14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
14 Davi reinou sobre todo o Israel, julgando e fazendo justiça a todo o seu povo.
15 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture;
15 Joab, filho de Sarvia, comandava o exército; Josafá, filho de Ailud, era arquivista;
16 Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan;
16 Sadoc, filho de Aquitob, e Aquimelec, filho de Abiatar, eram sacerdotes; Susa era secretário;
17 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture;
17 Banaias, filho de Jojada, era chefe dos cereteus e dos feleteus; e os filhos de Davi eram os primeiros ao lado do rei.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.