1 Crônicas 14

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge.
1 Hirão, rei de Tiro, enviou mensageiros a Davi, com madeiras de Cedro, pedreiros e carpinteiros, para construir-lhe um palácio.
2 Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
2 E Davi reconheceu que o Senhor o confirmava rei de Israel, pois que seu reino era exaltado por causa de Israel, seu povo.
3 Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche.
3 Davi tomou ainda mulheres de Jerusalém e gerou filhos e filhas.
4 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
4 Eis os nomes dos filhos que teve em Jerusalém: Samua, Sobad, Natã, Salomão,
5 Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
5 Jebaar, Elisua, Elifelet,
6 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
6 Noga, Nafeg, Jafia,
7 Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
7 Elisama, Baaliada e Elifalet.
8 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe.
8 Quando os filisteus souberam que Davi tinha sido sagrado rei de todo o Israel, subiram todos para prendê-lo. Mas ele o soube e saiu-lhes ao encontro.
9 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran;
9 Contudo, os filisteus que vinham espalharam-se pelo vale de Refaim.
10 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate.
10 Davi consultou a Deus: Subirei contra os filisteus? Entregá-los-eis em minhas mãos? E o Senhor disse-lhe: Sobe e entregá-los-ei em tuas mãos.
11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
11 Subiram, portanto, a Baal-Farasim, e lá Davi os desbaratou. Disse então ele: Deus dispersou meus inimigos, por minha mão, como se dispersam as águas. Por isso esse lugar se denominou: Baal-Farasim.
12 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
12 Ali abandonaram eles seus deuses. E Davi os mandou queimar.
13 Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran;
13 Os filisteus espalharam-se novamente pelo vale.
14 kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
14 Davi consultou de novo a Deus, e este lhe respondeu: Não te ponhas a persegui-los; desvia-te deles e os atacarás diante das amoreiras.
15 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
15 Quando ouvires um ruído de passos nas copas das amoreiras, então começarás o combate, porque Deus sairá diante de ti para desbaratar o exército dos filisteus.
16 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
16 Fez Davi o que Deus lhe ordenava, e derrotou o exército dos filisteus desde Gabaon até Gazer.
17 Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; Waaqayyos akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.
17 A fama de Davi espalhou-se por todos os países, e o Senhor tornou-o temível para todas as nações.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.