1 Crônicas 12

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha;
1 Estes são os que se juntaram a Davi em Ziclague, onde se escondia de Saul, filho de Quis. Eles estavam entre os combatentes que o ajudaram na guerra;
2 isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.
2 utilizavam arco e flecha e a funda para atirar pedras tanto com a mão direita como com a esquerda; pertenciam à tribo de Benjamim e eram parentes de Saul:
3 Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan.
3 Aiezer, o chefe deles, e Joás, filhos de Semaá, de Gibeate; Jeziel e Pelete, filhos de Azmavete; Beraca, Jeú, de Anatote,
4 Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture;
4 e Ismaías, de Gibeom, um grande guerreiro do pelotão dos trinta, e chefe deles; Jeremias, Jaaziel, Joanã, Jozabade, de Gederate,
5 Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,
5 Eluzai, Jeremote, Bealías, Semarias e Sefatias, de Harufe;
6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,
6 os coreítas Elcana, Issias, Azareel, Joezer e Jasobeão;
7 Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.
7 e Joela e Zebadias, filhos de Jeroão de Gedor.
8 Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.
8 Da tribo de Gade alguns aliaram-se a Davi em sua fortaleza no deserto. Eram guerreiros corajosos, prontos para o combate, e sabiam lutar com escudo e com lança. Tinham a bravura de um leão, e eram ágeis como gazelas nos montes.
9 Eezer hoogganaa isaanii ture;
9 Ézer era o primeiro; Obadias, o segundo; Eliabe, o terceiro;
10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,
10 Mismana, o quarto; Jeremias, o quinto;
11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,
11 Atai, o sexto; Eliel, o sétimo;
12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,
12 Joanã, o oitavo; Elzabade, o nono;
13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.
13 Jeremias, o décimo; e Macbanai era o décimo primeiro.
14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture.
14 Todos esses de Gade eram chefes de exército; o menor valia por cem, e o maior enfrentava mil.
15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.
15 Foram eles que atravessaram o Jordão no primeiro mês do ano, quando o rio transborda em todas as suas margens, e puseram em fuga todos os que moravam nos vales, a leste e a oeste.
16 Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan.
16 Alguns outros benjamitas e certos homens de Judá também vieram a Davi em sua fortaleza.
17 Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.”
17 Davi saiu ao encontro deles e lhes disse: "Se vocês vieram em paz, para me ajudarem, estou pronto para recebê-los. Mas, se querem trair-me e entregar-me aos meus inimigos quando minhas mãos não cometeram violência, que o Deus de nossos antepassados veja isso e julgue vocês".
18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe:
18 Então o Espírito veio sobre Amasai, chefe do pelotão dos trinta, e ele disse: "Somos teus, ó Davi! Estamos contigo, ó filho de Jessé! Paz, paz seja contigo, e aos teus aliados, pois o teu Deus te ajudará". Davi os recebeu e os nomeou chefes de seus grupos de ataque.
19 Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii.
19 Alguns soldados de Manassés desertaram para Davi quando ele foi com os filisteus guerrear contra Saul. Mas eles não ajudaram os filisteus, porque os seus chefes os aconselharam e os mandaram embora, dizendo: "Pagaremos com a vida, caso Davi deserte e passe para Saul, seu senhor".
20 Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan.
20 Estes foram os homens de Manassés que desertaram para Davi quando ele foi a Ziclague: Adna, Jozabade, Jediael, Micael, Jozabade, Eliú e Ziletai, chefes de batalhões de mil em Manassés.
21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii.
21 Eles ajudaram Davi contra grupos de ataque, pois todos eles eram guerreiros valentes, e eram líderes no exército dele.
22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.
22 De fato, diariamente chegavam soldados para ajudar Davi, até que seu exército tornou-se tão grande como o exército de Deus.
23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Waaqayyo dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:
23 Este é o número dos soldados armados para a guerra que vieram a Davi em Hebrom para entregar a ele o reino de Saul, conforme o Senhor tinha dito:
24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;
24 Da tribo de Judá, 6. 800 armados para a guerra, com escudo e lança;
25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;
25 Da tribo de Simeão, 7. 100 guerreiros prontos para o combate;
26 namoonni Lewwii 4,600;
26 Da tribo de Levi, 4. 600,
27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan;
27 inclusive Joiada, líder da família de Arão, com 3. 700 homens,
28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;
28 e Zadoque, um jovem e valente guerreiro, com 22 oficiais de sua família;
29 namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;
29 Da tribo de Benjamim, parentes de Saul, 3. 000, a maioria dos quais era até então fiel à família de Saul;
30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;
30 Da tribo de Efraim, 20. 800 soldados valentes, famosos em seus próprios clãs;
31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;
31 Da metade da tribo de Manassés, 18. 000, indicados por nome para fazerem Davi rei;
32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;
32 Da tribo de Issacar, 200 chefes que sabiam como Israel devia agir em qualquer circunstância. Comandavam todos os seus parentes;
33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;
33 Da tribo de Zebulom, 50. 000 soldados experientes, preparados para guerrear com qualquer tipo de arma, totalmente decididos a ajudar Davi;
34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;
34 Da tribo de Naftali, 1. 000 líderes com 37. 000 homens armados de escudos e lanças;
35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;
35 Da tribo de Dã, 28. 600 prontos para o combate;
36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;
36 Da tribo de Aser, 40. 000 soldados experientes, preparados para o combate;
37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.
37 e do leste do Jordão, das tribos de Rúben e de Gade, e da metade da tribo de Manassés, 120. 000 completamente armados.
38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha.
38 Todos esses eram homens de combate que se apresentaram voluntariamente para servirem nas fileiras. Foram a Hebrom totalmente decididos a fazerem de Davi rei sobre todo o Israel. E todos os outros israelitas tinham esse mesmo propósito.
39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan.
39 Ficaram com Davi três dias, comendo e bebendo, pois as suas famílias haviam fornecido provisões para eles.
40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.
40 Os habitantes das tribos vizinhas e também de lugares distantes como Issacar, Zebulom e Naftali, trouxeram-lhes muitas provisões em jumentos, camelos, mulas e bois: farinha, bolos de figo, bolos de uvas passas, vinho, azeite, bois e ovelhas, pois havia grande alegria em Israel.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.