1 Crônicas 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
1 Todo o Israel reuniu-se com Davi em Hebrom e disse: "Somos sangue do teu sangue.
2 Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
2 No passado, mesmo quando Saul era rei, eras tu quem liderava Israel em suas batalhas. E o Senhor, o teu Deus, te disse: ‘Você pastoreará o meu povo Israel, e será o seu governante’ ".
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
3 Então todas as autoridades de Israel foram ao encontro do rei Davi em Hebrom, e ele fez um acordo com eles em Hebrom perante o Senhor, e eles ungiram Davi rei de Israel, conforme o Senhor havia anunciado por meio de Samuel.
4 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
4 Davi e todos os israelitas marcharam para Jerusalém, que é Jebus. Os jebuseus, habitantes da cidade,
5 Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
5 disseram a Davi: "Você não entrará aqui". No entanto, Davi conquistou a fortaleza de Sião, a cidade de Davi.
6 Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
6 Naquele dia Davi tinha dito: "O primeiro que atacar os jebuseus se tornará o comandante do exército". Joabe, filho de Zeruia, foi o primeiro, e por isso recebeu o comando do exército.
7 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
7 Davi passou a morar na fortaleza, e por isso ela foi chamada cidade de Davi.
8 Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
8 Ele reconstruiu a cidade ao redor da fortaleza, desde os muros de arrimo até os muros ao redor, e Joabe restaurou o restante da cidade.
9 Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
9 E Davi foi se tornando cada vez mais poderoso, pois o Senhor dos Exércitos estava com ele.
10 Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
10 Estes foram os chefes dos principais guerreiros de Davi, que junto com todo Israel, deram um grande apoio para estender o seu reinado a todo o país, conforme o Senhor havia prometido.
11 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha:
11 Esta é a lista deles: Jasobeão, um hacmonita, era o chefe dos oficiais; foi ele que, empunhando sua lança, matou trezentos homens numa mesma batalha.
12 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
12 Depois, Eleazar, filho de Dodô, de Aoí, um dos três principais guerreiros.
13 Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
13 Ele estava com Davi na plantação de cevada de Pas-Damim, onde os filisteus se reuniram para a guerra. As tropas israelitas fugiram dos filisteus,
14 Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
14 mas eles mantiveram sua posição no meio da plantação. Eles o defenderam e feriram os filisteus, e o Senhor lhes deu uma grande vitória.
15 Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
15 Quando um grupo de filisteus estava acampado no vale de Refaim, três chefes do pelotão dos trinta foram encontrar Davi na rocha que há perto da caverna de Adulão.
16 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
16 Estando Davi nessa fortaleza, e o destacamento filisteu em Belém,
17 Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
17 Davi expressou seu desejo: "Quem me dera me trouxessem água da cisterna que fica junto à porta de Belém! "
18 Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
18 Então aqueles três infiltraram-se no acampamento filisteu, tiraram água daquela cisterna e a trouxeram a Davi. Mas ele se recusou a beber; em vez disso, derramou-a como uma oferta ao Senhor.
19 Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne.
19 "Longe de mim fazer isso, ó meu Deus! ", disse Davi. "Esta água representa o sangue desses homens que arriscaram a própria vida! " Eles arriscaram a vida para trazê-la. E não quis bebê-la. Foram essas as proezas dos três principais guerreiros.
20 Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
20 Abisai, o irmão de Joabe, era o chefe do batalhão dos trinta. Com uma lança enfrentou trezentos homens e os matou, tornando-se tão famoso quanto os três.
21 Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
21 Foi honrado duas vezes mais do que o batalhão dos trinta, e se tornou chefe deles, mas nunca igualou-se aos três principais guerreiros.
22 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
22 Benaia, filho de Joiada, era um corajoso soldado de Cabzeel, e realizou grandes feitos. Matou dois dos melhores guerreiros de Moabe e, num dia de neve, desceu em uma cova e matou um leão.
23 Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
23 Também matou um egípcio de dois metros e vinte e cinco centímetros de altura. Embora o egípcio tivesse na mão uma lança parecida com uma lançadeira de tecelão, Benaia o enfrentou com um cajado. Arrancou a lança da mão do egípcio e com ela o matou.
24 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
24 Esses foram os grandes feitos de Benaia, filho de Joiada, que também foi tão famoso quanto os três principais guerreiros de Davi.
25 Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
25 Foi mais honrado do que qualquer dos trinta, mas nunca igualou-se aos três. E Davi lhe deu o comando da sua guarda pessoal.
26 Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha:
26 Os outros guerreiros foram: Asael, irmão de Joabe; Elanã, filho de Dodô, de Belém;
27 Shamoot namicha gosa Haroor,
27 Samote, de Haror; Helez, de Pelom;
28 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa,
28 Ira, filho de Iques, de Tecoa; Abiezer, de Anatote;
29 Siibekaay nama biyya Hushaa,
29 Sibecai, de Husate; Ilai, de Aoí;
30 Maharaayi nama Netoofaa,
30 Maarai, de Netofate; Helede, filho de Baaná, de Netofate;
31 gosa Beniyaam keessaa
31 Itai, filho de Ribai, de Gibeá de Benjamim; Benaia, de Piratom;
32 Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash,
32 Hurai, dos riachos de Gaás; Abiel, de Arbate;
33 Azmaawet namicha Baharuum,
33 Azmavete, de Baarum; Eliaba, de Saalbom;
34 ilmaan Haasheem namicha Gizoon,
34 os filhos de Hasém, de Gizom; Jônatas, filho de Sage, de Harar;
35 Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa,
35 Aião, filho de Sacar, de Harar; Elifal, filho de Ur;
36 Heefer namicha Mekeeraataa,
36 Héfer, de Mequerate; Aías, de Pelom;
37 Hezroo nama Qarmeloos,
37 Hezro, de Carmelo; Naarai, filho de Ezbai;
38 Yooʼeel obboleessa Naataanii,
38 Joel, irmão de Natã; Mibar, filho de Hagri;
39 Zeleq namicha gosa Amoon,
39 o amonita Zeleque; Naarai, de Beerote, escudeiro de Joabe, filho de Zeruia;
40 Iiraas namicha gosa Yitraa,
40 Ira e Garebe, de Jatir;
41 Uuriyaa namicha Heet,
41 Urias, o hitita; Zabade, filho de Alai;
42 Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
42 Adina, filho de Siza, de Rúben, chefe dos rubenitas e do grupo dos trinta;
43 Haanaan ilma Maʼakaa,
43 Hanã, filho de Maaca; Josafá, de Mitene;
44 Uziyaa namicha Ashteraati,
44 Uzia, de Asterate; Sama e Jeiel, filhos de Hotão, de Aroer;
45 Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii,
45 Jediael, filho de Sinri; seu irmão, Joá, de Tiz;
46 Eliiʼeel namicha Mahawaa,
46 Eliel, de Maave; Jeribai e Josavias, filhos de Elnaão; Itma, um moabita,
47 Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.
47 e Eliel, Obede e Jaasiel, de Mezoba.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.