1 Crônicas 10
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
1 Os filisteus atacaram Israel, e os israelitas fugiram deles. Muitos foram mortos nas encostas do monte Gilboa.
2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
2 Os filisteus cercaram Saul e seus filhos e mataram três deles: Jônatas, Abinadabe e Malquisua.
3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan.
3 O combate se tornou cada vez mais intenso em volta de Saul, e os arqueiros filisteus o alcançaram e o feriram.
4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe.
4 Saul disse a seu escudeiro: “Pegue sua espada e mate-me antes que esses filisteus incircuncisos venham e me torturem”. Mas o escudeiro teve medo e não quis matá-lo. Então Saul pegou sua própria espada e se lançou sobre ela.
5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe.
5 Quando viu que Saul estava morto, o escudeiro se lançou sobre sua espada e morreu.
6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman.
6 Saul e seus três filhos morreram juntos, e sua dinastia chegou ao fim.
7 Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
7 Quando os israelitas no vale de Jezreel viram que o exército israelita havia fugido e que Saul e seus filhos estavam mortos, abandonaram suas cidades e fugiram. Então os filisteus vieram e ocuparam essas cidades.
8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
8 No dia seguinte, quando os filisteus foram saquear os mortos, encontraram os corpos de Saul e seus três filhos no monte Gilboa.
9 Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan.
9 Removeram a armadura de Saul e cortaram sua cabeça. Então anunciaram o ocorrido diante de seus ídolos e ao povo de toda a terra da Filístia.
10 Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan.
10 Colocaram a armadura de Saul no templo de seus deuses e penduraram sua cabeça no templo de Dagom.
11 Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
11 Quando os habitantes de Jabes-Gileade souberam o que os filisteus haviam feito a Saul,
12 namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman.
12 todos os seus guerreiros mais valentes foram e trouxeram os corpos de Saul e seus filhos de volta para Jabes. Enterraram os ossos debaixo de uma grande árvore em Jabes e jejuaram durante sete dias.
13 Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
13 Saul morreu porque foi infiel ao S enhor . Não obedeceu ao mandamento do S enhor e chegou a consultar uma médium,
14 Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.
14 em vez de pedir orientação ao S enhor . Por isso o S enhor o matou e entregou o reino a Davi, filho de Jessé.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Crônicas 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.