1 Coríntios 16

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Egaa waaʼee buusii qulqullootaaf walitti qabamuu, isinis akkuma ani waldoota kiristaanaa kanneen Galaatiyaa ajaje sanatti raawwadhaa.
1 Ora, quanto à coleta para os santos fazei vós também o mesmo que ordenei às igrejas da Galiléia.
2 Akka buusii walitti qabuun yeroo ani dhufutti hin taaneef tokkoon tokkoon keessan akkuma galii keessaniitti torbanuma torbaniin guyyaa jalqabaa waa kophaatti baasaatii kaaʼaa.
2 No primeiro dia da semana cada um de vós ponha de parte o que puder, conforme tiver prosperado, guardando-o, para que se não façam coletas quando eu chegar.
3 Anis yeroon isin bira dhufutti akka namoonni isin filattan kennaa keessan geessaniif xalayaa ittiin beekaman kenneefii Yerusaalemitti isaan nan erga.
3 E, quando tiver chegado, mandarei os que por carta aprovardes para levar a vossa dádiva a Jerusalém;
4 Yoo dhaquun koo barbaachisaa taʼe immoo isaan na wajjin dhaqu.
4 mas, se valer a pena que eu também vá, irão comigo.
5 Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa.
5 Irei, porém, ter convosco depois de ter passado pela Macedônia, pois tenho de passar pela Macedônia;
6 Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa.
6 e talvez demore convosco algum tempo, ou mesmo passe o inverno, para que me encaminheis para onde quer que eu for.
7 Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu.
7 Pois não quero ver-vos desta vez apenas de passagem, antes espero ficar convosco algum tempo, se o Senhor o permitir.
8 Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura.
8 Ficarei, porém, em Éfeso até o Pentecostes;
9 Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.
9 porque uma porta grande e eficaz se me abriu; e há muitos adversários.
10 Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa.
10 Ora, se Timóteo for, vede que esteja sem temor entre vós; porque trabalha na obra do Senhor, como eu também,
11 Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii.
11 Portanto ninguém o despreze; mas encaminhai-o em paz, para que venha ter comigo, pois o espero com os irmãos.
12 Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa.
12 Quanto ao irmão Apolo, roguei-lhe muito que fosse com os irmãos ter convosco; mas de modo algum quis ir agora; irá porém, quando se lhe ofereça boa ocasião.
13 Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas.
13 Vigiai, estai firmes na fé, portai-vos varonilmente, sede fortes.
14 Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.
14 Todas as vossas obras sejam feitas em amor.
15 Yaa obboloota, akka warri mana Isxiifaanaas jiraatan Akaayaa keessaa warra jalqabatti amanan taʼan isin ni beektu; isaanis qulqulloota tajaajiluuf of kennaniiru.
15 Agora vos rogo, irmãos-pois sabeis que a família de Estéfanas é as primícias da Acaía, e que se tem dedicado ao ministério dos santos-
16 Anis akka isin namoota akkasiitiif, warra isaan wajjin hojjetanii fi dadhaban hundaaf ajajamtan isinin kadhadha.
16 que também vos sujeiteis aos tais, e a todo aquele que auxilia na obra e trabalha.
17 Isxiifaanaas, Fartunaaxoosii fi Akaayiqos na bira dhufuu isaaniitti ani gammadeera; isaan waan asii dhabamuu keessaniin hirʼate guutaniiruutii.
17 Regozijo-me com a vinda de Estéfanas, de Fortunato e de Acaico; porque estes supriram o que da vossa parte me faltava.
18 Isaan hafuura koo fi hafuura keessan boqochiisaniiruutii. Kanaaf isin namoota akkanaatiif beekamtii kennaa.
18 Porque recrearam o meu espírito assim como o vosso. Reconhecei, pois, aos tais.
19 Waldoonni kiristaanaa kanneen biyya Asiyaa nagaa isiniif dhaamu.
19 As igrejas da Ásia vos saúdam. Saúdam-vos afetuosamente no Senhor Aqüila e Prisca, com a igreja que está em sua casa.
20 Obboloonni hundinuu nagaa isinii dhaamu.
20 Todos os irmãos vos saúdam. Saudai-vos uns aos outros com ósculo santo.
21 Ani Phaawulos, xalayaa nagaa kana harkuma kootiin barreessa.
21 Esta saudação é de meu próprio punho, Paulo.
22 Namni Gooftaa hin jaallanne kam iyyuu haa abaaramu. Yaa Gooftaa kottu.
22 Se alguém não ama ao Senhor, seja anátema! Maranata.
23 Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus isin wajjin haa taʼu.
23 A graça do Senhor Jesus seja convosco.
24 Jaalalli koo Kiristoos Yesuusiin hunduma keessan wajjin haa taʼu. Ameen.
24 O meu amor seja com todos vós em Cristo Jesus.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar 1 Coríntios 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.